ONM-ABO Waxabajjii 20, 2025
Lixa Wallaggaa aanaa Begii ganda Haroo-Diimaa jedhamu keessaa shamarree maqaan ishee Daraartuu jedhamtu shiftoonni waraana garboomfataa PP Waxabajjii 18, 2025 galgala sa’a 12:00 keessa osoo isheen loowwan galchuuf walitti qabaa jirtuu shiftoonni faashistii PP ajjeesuu jiraattonni ONM’tti himaniiru.
Shamarree Darartuun yaaliin gudeeddaa waraana kanneeniin irratti geggeeffamuu hordofee harkaa ba’uufis iyyaa loltoota kanneen harkaa kan dheessite yoo taatu, gara jabeeyyiin loltoota maafiyaa PP kunneenis duuba irraan itti dhukaasuun lubbuu dabarsuu himu.
Darartuun amantaa waldaa warra wangeelaa Makaana Yesuus keessaa farfaannaadhaan kan tajaajiltu oggaa taatu, waa’ee mana amantaa malees hirmaannaa siyaasaa keessaa qooda akka hin fudhannes jiraattonni dubbatu.
Aanichuma ganda Tobbii Daallee Maacootti Waxabajjii 18, 2025 dargaggoota obbolaa ta’an:
- Gammachuu Sheekii Xurunaa fi
- Kamisoo Sheekii Xurunaa
jedhamanis badii tokko malee “durbii keessantu bosona jira” jechuun osoo isaan dukkaana dhuunfaa isaanii daldalachaa jiranii keessaa gadi baasuun uleedhaan reebanii ajjeesuu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

