ONM-ABO Waxabajjii 25, 2025
Murni Bilxiginnaa dhala namaa mankaraarsaa oolu onoota godina Baalee Lixaa kanneen akka, Sinaanaa, Diinshoo fi Agaarfaa keessatti ergamtoota waraana isaa bobbaasuun sarbamiinsa mirga namoomaa geggeessaa kan jiru oggaa ta’u, gochoota badii isaa, hidhaa, saamicha, ajjeechaa fi gudeeddii haawwanii fi shamarran irratti geessisaa kan jiruun alatti, uummata harka qalleessa waraana keenya sooruu qabdu ittiin jechuun rakkisaa jiraachuu maddeen gabaasan.
Keessattuu gandoota aanaa Sinaanaa kanneen akka, Gamooraa, Isuu, Hoborraa, Walta’ii Quubsaa, Gurraachoo Weeb fi Haayiqoo keessatti uummata mana shan shaniin ijaaruun dabaree erga galchaniin booda guyyuu nyaataa fi dhugaatii nuuf kennuu qabdu, akkasumas re’ootaa fi hoolota nuuf qaluu qabdu jechuun dararaa irratti geggeessaa jiraachuu jiraattoonni ONM’tti himanii jiru.
Jiraattonni godina kanaa itti dabaluun yaada isaanii akka ibsanitti, murni badiin Bilxiginnaa kun shiftoota waraana isaa nutti duulchisuun yakkoota gara jabinaa hedduu nu irratti geggeessuun ba’aa fi gala nu dhorkuun guyyuu afaan qawwee nutti qabanii gidiraa tilmaama hin qabne nu irratti raawwachaa jiru jedhu. Kanaafuu uummanni Oromoo guutuu Oromiyaa keessa jiru gamtaan itti duulee bulchiinsa nama nyaataa kana of irraa fonqolchuu qaba jechuun yaada isaanii ONMf kennanii jiru.

