ONM-ABO Waxabajjii 25, 2025
Lixa Harargee aanaa Gumbii Bordoddee araddaa Sabbaaqa jedhamu keessatti Waxabajjii 22, 2025 nama maqaan isaa Maammad Jamaal Sheekaa jedhamu ergamtoonni sirnichaa badii tokko malee mana jireenyaa isaatii qabanii reebicha ulfataa erga irraan ga’aniin booda qarshii 3,000 harkaa fuudhanii deemuun hidhaatti darbatanii hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka maddeen himanitti, Maammad siyaasa kam keessaa qooda kan hin qabne ta’us, sababa sobaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda” jedhuun yakkamee hiraarfamaa kan jiru ta’uu dubbatu.
Lukkeeleen Bilxiginnaa kanneen akka hawaasa meesha maleeyyii hiraarsaniif koloneel Abiy Ahimed goleewwan Oromiyaa maratti bobbaase ilmaan Oromoo irratti sarbamiinsa mirga namoomaa raawwachuu itti fufanii jiru.

