Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Harargee Aanaa Gumbii Bordoddee keessatti hidhattoonni sirnichaa hawaasa nagaa saamuu fi hiraarsuu hammeessanii jiraachuun himame

ONM-ABO Guraandhala 1, 2026 

Godina Lixa Harargee aanaa Gumbii Bordoddee araddaa Sabbaaqaa keessatti hidhattoonni sirnichaa gaafa Amajjii 27, 2026 dargaggoo maqaan isaa Adam Abdurramaan jedhamu sababa “ati tuffii keenya qabda” jedhuun balleessaa tokko malee qabuun reebicha hamaa erga irratti raawwataniin booda ni ajjeefna jedhanii osoo isaan mari’atanii fiigee bosona lixee jalaa baduu maddeen himan.

Akka maddeen himanitti dargagoon kun erga gaafa fiigee hidhattoota sirnichaa harkaa ba’uudhaan bosona seene irraa kaasee haga ammaatti hin argamin akka jiru himuun, lubbuun jiraachuu fi jiraachuu dhabuun isaa waanti beekamaan akka hin jirres himaniiru.

Bifuma wal fakkaatuun aanichuma ganda Bareedaa keessattis sababa deggarsa miliishaa jedhuun guutummaa jiraattotaa gandichaa irraa midhaan nyaataa kiiloogiraamii soddoma soddoma dirqamaan guuraa jiraachuus maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version