ONM-ABO Ebla 15, 2024
Jimaan keessattuu uummata Harargeef madda galii olaanaa fi bu’uura jireenya uummatichaa yoo ta’u bara murna bilxiginnaa keessa garuu uummatichi gabaatti baafatee gurguratee galii achirraa argatuun akka of hin jiraachifne uggura jala kaa’aa jiru.
Iddoo tokko tokkotti maqaa gibira humnaa oliin baadiyyaa lafa qonnaa irraa kaasee hanga magaalaa ga’utti uummaticha irraa maallaqa inni Jimaa sana itti hin gurguranne gaafachuun saamaa jiraachuu fi uummatichi rakkoo hedduu keessa akka galu taasisuu dubbatu.
Gaafa Ebla 13, 2024 irraa kaasuun saamtonni sirnichaa godina Lixa Harargee aanaa Gumbii Bordoddee daandii Finfinnee geessu iddoo sakkattaa to’annoof dhaabanitti daldaaltotaan gibira kaffalaa hin jirtan jechuun harkaa mancaasaa turuu ibsan.
Uummanni aanichaa maqaa gibiraan dararama hamaa keessa galanii akka jiranii fi namoonni hedduunis qe’ee isaanii irraa godaanuuf dirqamanii jiraachuus dabaluun ibsaniiru

