Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii Bahaa Aanaa Martii keessatti hidhaa fi dararaan loltoota Bilxiginnaan hawaasa nagaa irratti raawwatu akkaan cimee itti fufe

ONM-ABO Waxabajjii 26, 2025 

Arsii Bahaa aanaa Martii ganda Dambaqaa Garjallee jedhamu irraa Waxabajjii 25, 2025 jaleewwan sirna nama nyaataa PP maanguddoo ganna 60 olii tokko nama maqaan isaa Obbo Musxafaa Kataboo jedhamu badii tokko malee ukkaamsuun hidhaatti darbatanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akka maddeen himanitti, maanguddoon kun qonnaan bulaa siyaasa kam keessa hin jirre yoo ta’u, jaleewwan Abiy Ahimed kunneen guyyaa kana hawaasa gandichaa hunda waltajjii baasuun hawaasa keessaas maanguddoo kana badii tokko malee sababa Oromummaa isaa qofaaf qabanii deemuun hidhaatti kan darbatan ta’uu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Shiftoonnii fi saamtonni loltoota Bilxiginnaa qaama hidhatee isaan lolu injifachuu oggaa dadhaban gara golaatti deebi’uun meesha maleeyyii ilmaan Oromoo hunda sababoota garaa garaa itti maxxansuun miidhaa ulfaataa irraan gahaa kan jiran ta’uun ni beekama.

Exit mobile version