ONM-ABO Adoolessa 8, 2025
Aanaa Odaa Bultum araddaa Burqaa Baaddiyyaa jedhamu keessatti ergamtoonni impaayera Itoophiyaa suphuuf halkaniif guyyaa ifaajan Adoolessa 4, 2025 maqaa kaffaltii gibiraan hawaasa irratti saamichaa fi reebicha raawwachaa turuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Akka maddeen himanitti, namoonni saamichi fi reebichi irratti raawwate kunneen qonnaan bultoota kanneen maqaan isaanii:
- Obbo Mahaammed Huseen,
- Obbo Xahaa Yuuyyaa fi
- Obbo Ibraahim Aliyyii kanneen jedhaman akka ta’an ifoomee jira.
Kana malees, maqaa “gibira” jedhu dahoo godhachuun qarshii humnaa olii hawaasa irratti fe’anii afaan qawween dirqamsiisuun qarshii hanga fedhan hawaasa irraa saamaa jiraachuun himamee jira.
Jaleewwan Bilxiginnaa ajaja qaama isaanii olii irraa itti kenname ba’anii gammachiisuu fi bu’aa dhuunfaa isaanii guuttachuuf jecha, gama danda’an maraan ciqilee hammeenyaa isaanii hawaasa Oromoo irra dhaabanii jiraachuun ni beekama.

