Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Saasiggaatti loltoonni Bilxiginnaa hawaasa nagaa irratti ajjeechaa jumlaa raawwachuun dhaga’ame 

ONM-ABO Caamsaa 31, 2025 

Waraanni maafiyaan impaayera Itiyoophiyaa waraana bilisummaa Oromoo lolaan injifachuu oggaa dadhaban, gara uummata nagaatti deebi’uun duguuggaa sanyii irratti geggeessuu itti fufanii jiru.

Baha Wallaggaa aanaa Saasiggaa ganda Odaa iddoo addaa Holqa Gadaa Gilindee jedhamutti Caamsaa 27, 2025 waraanni maafiyaan impaayerattii kanneen maqaa sakattaa WBO dawoo godhachuun bobba’an jiraattota maqaan isaanii:

  1. Obbo Caalii Nagaasaa,
  2. Obbo Warqinaa Bulaa fi
  3. Obbo Amsaaluu 

jedhaman badii tokko malee bakka hojii isaaniitti rasaasa itti roobsuun haala suukkanneessaa ta’een jumlaan ajjeesanii gatuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akka maddeen himanitti, Obbo Caalii fi  Obbo Warqinaan maanguddoota ganna 60 olii akkasumas, Obbo Amsaaluun ammoo abbaa ilmaan 2 ta’uu himuun, isaanis hirmaannaa siyaasaa dhaaba kamiiyyuu kan hin qabne ta’uun eeramee jira.

Obbo Caalii fi Obbo Warqinaan maanguddoota ofiifuu deegaan dhaanamuun mana namaa ta’anii horii tiksan ta’uu dabalataan ibsaniiru.

Exit mobile version