ONM-ABO Adoolessa 21, 2025
Gujii Lixaa aanaa Surroo Barguddaa ganda Galaana-Meexxarrii ykn Galma jedhamu keessatti waraanni murna PP hawaasa nagaa irratti reebicha raawwachuu fi doqdoqqee uummata nagaa ibiddaan gubanii barbadeessuu gabaasni ONM qaqqabe ni addeessa.
Adooleessa 18, 2025 ganama keessaa toora 4:00’tti aanaa Surroo Barguddaa ganda Galaana Meexxarrii bakka Shimaa jedhamu iddoo addaa Tulluu irratti loltonni naamusaa fi sansakkaa waraanummaa hin qabne maqaa sakkattaa WBO’n bobbaafaman, misirroowwan sirna deebii ganda Diidolee Haarraa irraa ka’anii deemaa jiran dhaabuudhaan uummata irratti reebicha raawwachuun doqdoqqee torba ammoo battalumatti ibidda itti shiduun barbadeessanii jiraachuu jiraatonni Arraata Biyyooleessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Akka ONM jiraattota irraa oddeeffatetti, namonnii qabeenyi isaanii jalaa manca’e kunneen badii dalagan qabaataniif osoo hin taane sababa Oromummaa isaanii qofaaf yakkamuun loltoota sirnichaan qabeenyi isaanii jalaa kan barbaada’e yoo ta’u, namootni doqdoqqeen jalaa gubate kunneen maqaan isaanii:
- Tundhuraa Barisoo,
- Borisee Maakee,
- Nugusee Daraaroo,
- Waayyuu Kijibaa,
- Baddeessaa Diimaa,
- Waajii Gaddoo fi
- Birbirsa Koncorii
kanneen jedhaman yoo ta’an, yeroo ammaa kanas qaal’insa jireenyaan kan wal qabateen qabeenyi jalaa mancaafame kunneen rakkoo hamaaf kan isaan saaxile ta’uu jiraattonni dabaluun ONM’tti himaniiru.

