Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Matakkal Aanaa Waambaraa keessatti ergamtoonni murna maafiyaa PP ilmaan Oromoo hidhaatti guuruu hammeessan

ONM-ABO Adoolessa 21, 2025 

Dhiittaa mirga namoomaa sabboonta ilmaan Oromoo irratti geggeessuun impaayerattii kufaatii irraa waan baraaru kan itti fakkaatu koloneel Abiy Ahimed, hoomaa waraana isaa godina Matakkal aanaa Waambaraa ganda Gasaangasitti bobbaasuudhaan barsiisota dabalatee namoota siyaasa kam keessaayyuu qooda hin qabne sobaan yakkee jumlaan hidhaatti guursisaa jiraachuu maddeen ONM’f eeran.

Haaluma kanaan torban lama dura ganda Gasaangas keessaa: 

  1. Barsiisaa Maasirashaa Yaadataa fi nama maqaan isaa 
  2. Obbo Bakaree Baayyuu 

jedhamu dabalatee kanneen ammaaf maqaan isaanii nu hin geenye hedduu badii tokko malee hidhaatti darbachuun dararaa ulfaataa irraan ga’aa jiraachuu himaniiru.

Barsiisaan hidhattoota sirnichaan hidhame kun dhimma baruu fi barsiisuun alatti siyaasa dhaaba kamiiyyuu keessaa qooda akka hin qabnee fi hawaasa naannoo biratti jaallatamummaa guddaa akka qabu himuun, Obbo Bakareenis hojii daldalaa irratti bobba’uun jireenya dhuunfaa isaa geggeeffachuun alatti tuttuqqaa siyaasaa kamiyyuu akka hin qabne itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Itiyophiyaa keessatti ogeessota dararuun bara Abiy Ahimed akkaan jabaachuun guyyaa guyyaatti waan isaan hin beekneen hidhaa fi ajjeechaaf saaxilamaa kan jiran yoo ta’u, gareen faashistii PP kun gaaffii mirgaa isaan gaafatan dhiisee miindaa isaanii irraa dhibbentaan 35 akka citu gochuun jireenyaan adabuuf seera baafachuun ni yaadatama.

Exit mobile version