Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Walloo Aanaa Harxummaa Furseetti saamtota Bilxiginnaan maanguddoon biyyaa fi haadhi ilmaan lamaa qabamanii hidhaa irraa ba’uuf qarshii humnaa olii gaafatamuun dhaga’ame 

ONM-ABO Adoolessa 22, 2025 

Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee Qori ganda Qilee irraa Adoolessa 14, 2025 milishoonni sirnichaa maanguddoo biyyaa umriin isaa ganna 80 olii Obbo Umar Adam Morkee jedhamu qabuun garmalee reebuun yoo hidhan, Adoolessa 16, 2025 ammoo magaalaa Fursee irraa haadha ilmaan 2  Aadde Kaddoo Dheeressee jedhamtu qabanii maanguddoo kana waliin gara mana hidhaa aanichaa Caffaa Roobit geessuun barameera.

Namoonni kunneen hidhaa irraa baafamuuf qarshii 20,000 kan gaafataman oggaa ta’u, qarshii gaafatan kanas yeroo dhiyootti yoo hin kaffalle gonkumaa hidhaa irraa akka hin baanes sodaachisa irratti geggeessaa jiraachuu himaniiru.

Aadde Kaddoon kanaan duras yeroo dheeraaf hidhamtee dararamaa kan turte oggaa ta’u, akkuma aanichaattis maqaa hidhata WBO qabduun dhiittaan mirgoota namoomaa hawaasa aanichaa irratti loltoota PP raawwatamu hammaatee jiraachuun eerameera.

Exit mobile version