Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Harargee magaalaa Awwadaayitti ergamtoonni Bilxiginnaa gibira humnaan olii hawaasa gafaachuun dararaa jiraachuun ifoome

ONM-ABO Adoolessa 24, 2025 

Magaalaa Awwadaay kutaa bulchiinsa magaalaa Maayaa jedhamu keessatti lukkeeleen Bilxiginnaa dinagdee impaayerattii lamshaa’e baraaruuf torban darbe irraa eegaluun hawaasa afaan qawween doorsisuun maqaa gibiraan saamicha hamaa geggeessaa kan jiran ta’uu jiraattonni magaalichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

kaffaltii gosa adda addaa lukkeeleen Bilxiginnaa yeroo yeroon nu gaafatan nuffineerra. Mootummaan hawaasa bulchu dararu toora mootummootaa keessa hin jiru. Gareen amma maqaa Oromoo da’eeffachuun dhiiga qeerroo fi qarreen aangoo irra jiru kun tasumaa mootummaa keenya miti, tajaajiloota hawaasni argachuu qabu hunda waan arganne osoo hin qabaatin gibira humnaan olii nurraa guuraa jiru. Haadha hiyyeessaa waan fiddee kaffaltu dhabde reebichaa fi hidhaan dararaa jiru. Qarshii 10,000 irraa eegalee hanga 100,000’tti nama tokko irraa fuudhu; sanuu afaan qawweeni” jechuun miira aariin guutameen dubbatu.

Magaalaa kana malees, akkuma impaayerattiitti rakkoo dinagdee isa mudate bayyaannachiisuuf Koloneel Abiy Ahimed gargaartota isaa bobbaasuun, gibira humnaa olii oomishaa fi galii hawaasaa hin madaalle itti fe’uun uummata ofiifuu waan nyaatu dhabee rakkatu hiraarsuun dinagdee isaa utubataa jiraachuun dabalataan ibsameera.

Exit mobile version