ONM-ABO Bitootessa 15, 2025
Murni Bilxiginnaa hawaasa Oromoo diinomfatee lafa irraa duguuguuf karoorfatee kan hojjechaa jiru sabaaf sab-lammoota impaayerattii irratti kakasee saamuu, qe’ee fi qabeenya irraa buqqisuun cinatti qooddaa fi loogii taasisuun uummattoota biroo irraa addatti gibira irraa fuudhuun diinummaa isaa ifatti mul’isuun godina Kaaba Shaggar aanaa Dharraatti maqaa gibiraan saba Oromoo qofa irraa maallaqa guuraa akka jiran jiraattonni ONM’tti himan.
Lukkeeleen kunneen, hawaasa Amaaraa daangaa ce’ee lafa Oromoo qotatee nyaataa jiru dhiisanii, hawaasa Oromoo qe’ee fi qabeenyaa irraa buqqa’etti gibira humnaan olii fe’uun dirqamaan irraa guuraa kan jiran yoo ta’u, “haala yeroo irratti maaliif callistan?” jechuun akka hawaasni gaaffii gaafatuuf carraa kennanis, hawaasni finxaaleeyyii kanneeniin qe’ee fi qabeenyaa isaa irraa buqqa’an, rakkina qaban yoo himatanis qaamni isaaniif birmatu kan hin argamne ta’uunis ibsameera.
Torban darbe keessa lukkeeleen Bilxiginnaa hawaasa walga’ii baasuun haala yeroo irratti jiraattota gandichaa kan mariisisan yoo ta’u, hawaasni yaada isaanii mormuun “mootummaan hin jiru; Lafa keenya uummata Amaaraaf laatee mootummaa gibira nu gaafatu malee kan nuuf yaadu hin qabnu jechuunis akka balaalleffatan addeeffameera.
Sanaanis lukkeelee Bilxiginnaa irraa xiyyeeffannoon addaa irratti godhamuun doorsifamaa fi hiraarfamaa jiraachuun barameera.

