Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Dawwee Harawwaa keessatti Murni bilxiginnaa saamicha maqaa gibiraa fi inshuuraansii fayyaa jedhuun hawaasa irraa maallaqa guuraa jiraachuun himame

ONM-ABO Amajjii 23, 2024

Uummatni Oromoo sirnoota dhufaa darbaan, hiraarfama hamaa argaa kan jiru yoo ta’u murni maafi’aa pp maqaalee adda addaa moggaafachuun uummata saamuun jiru gadadootti hambisaa jiru.

Akkuma kanaan kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Dawwee Harawwaa keessatti caasaaleen bilxiginnaa gibiraa fi inshuuraansii fayyaa, humnaa olii jiraattotatti ramaduun dirqiin irraa funaanaa jiraachuu dubbatu.

Gibiraaf qarshii 300 hanga 500 irraa guuruun inshuuraansii fayyaa maqaa jedhuuf ammoo 180 hanga 1000 hawaasa irraa dirqiin saamaa jiran jechuun jiraattotni dubbatu.

Akka jiraattotni jedhanitti gibira hanga jedhameen kan namoonni kaffaluu hin dandeenyu jedhanis, dirqiin kaffaltu jechuun uummata hiraarsaa jiraachuu maddeen himuun gochaan sirnichi kallattii hundaanuu nurratti raawwachaa jiru kan duraa caalaa jiraattotatti yaaddoo namoomaa uumeeras jedhan.

Exit mobile version