ONM-ABO Sadaasa 1, 2024
Ergamtoonni bilxiginnaa yeroo adda addaatti rakkoo keessoo isaaniitti uumamu, ajaja humnaan olii walitti kennuu, wal jibbuu, qoqqooddaa sabaa fi sababoota faayidaa dhuunfaa isaanii irraa madduun walii isaaniitii walitti bu’anii wal hidhuu, wal ajjeesuu fi reebicha ulfaataa ta’een dararaa hamaa wal irratti raawwachaa kan jiran yoo ta’u, Kaaba Shaggar aanaa Dharraatti dhugaan dhiiga ilmaan Oromoo dhangala’ee fi lafeen cabe ibiddaa fi cidii walitti isaan gochuun lukkeeleen Bilxiginnaa sabaan wal qooduun hidhaatti wal guuraa jiraachuun ibsameera.
Akkuma beekamu, Koomaand Poostiin Jeneraal Tasfaayee Ayyaaleew fi Bulchaa godinaa Kifeleew Adareen hoogganamu ergama aanaan Dharraa naannoo Amaaraa jala galuu qabdi jedhu qabatee deemaa kan jiru ta’uu ifatti mul’achaa jira. Koomaand Poostiin kunneen warra aanicha gurguruuf qabdii itti nyaatee kara ittiin milkeeffatan dhabanii wixxifachaa jiran ta’uun ibsameera.
Kanumaan walqabatee yeroo ammaa kana duulli Oromoo aanaa Dharraa keessaa balleessuu raawwatamaa kan jiru yoo ta’u, torban darbe keessa kaabinoota Oromoo aanichaa dabalatee, abbootii amantaa fi abbootii gadaa Oromoo aanichaa kan ta’an namoonni dhibba tokkoo ol hidhamanii dararaa hamaa argaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Namoota hanga ammaatti hidhamanii jiran kanneen maqaan isaanii nu ga’e:
- Abbaa Gadaa Ahimed,
- Siraaj Tafarraa,
- Taaffesee Gaarii,
- Jamaal Addaamuu,
- Abdallaa Abbebee,
- Bashir Asheetuu,
- Huseen Adam,
- Kadir Sagaxuu,
- Kadir Abduu fi kanneen biroo hedduu ta’uun ibsameera.
Dabalataan, yeroo ammaa kanas finxaaleeyyiin Amaaraa kunneen uummata Dharraa irratti duula qindaa’aa duguuggaa sanyii isa dhumaa raawwachuuf qophii xumuranii kan jiranii fi haalli jirus yaaddessaa ta’uu irraa kan ka’e hawaasni gandoota baadiyyaa hundi gara aanota ollaa fi magaalota adda addaatti baqachaa jiraachuunis ibsameera.

