ONM-ABO Onkoloolessa 25, 2024
Aanaan Dharraa naannoo Amaaraan kan wal daangessitu yoo taatu, yeroo addaa addaatti sochiii humnoonni finxaaleeyyii Amaaraa fi murni Bilxiginnaa wal ta’uun aanicha bulchiinsa mootummaa naannoo Amaaraa jala galchuuf taasisaa jiran jabaatee itti fufuun, yeroo ammaa gareen, finxaaleessaa Faannoo jechuun of waamu deggersaa fi tumsa Bilxiginnaatiin daangaa ce’uun uummata Oromoo ajjeesaa, qe’ee fi qabeenya isaa ibiddaan barbadeessaa akkasumas saamichaa fi yakkoota gara jabinaa garaa garaa irratti raawwachuu itti fufanii jiru.
Haleellaa qindaa’aa torban darbe irra deddeebiin humnoonni finxaaleyyii Amaaraa aanaa Dharraa gandoota garaa garaa irratti fudhataniin miidhaa guddaan lubbuu namaa fi qabeenyaa irra qaqqabee kan jiru yoo ta’u, akkasumas dargaggoonni Oromoo 3 madoo ulfaataa madaa’uun yaala dhorkamanii kan jiranii fi kanneen biroo hedduu ta’an ammoo hidhaatti guuramaa jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Dargaggoota kanneen keessaa kan ammaaf maqaan nu ga’e dargaggoo maqaan isaa Hasan Galataa jedhamu jiraataa ganda Dambii Birjee kan ta’ee fi kanneen hafan lamaan ammoo jiraattota ganda Kaabii Gololchaa fi Warree Hulaa ta’uu maddeen keenya itti dabaluun eeraniiru.
Kana malees, wayita ammaa waraanni Bilxiginnaa aanicha keessaa dargaggoota adamsuun hidhaatti guuruu jabeessee jiraachuun ibsameera.

