ONM-ABO Bitootessa 29, 2025
Godina Kaaba Shaggar aanaa Dharraatti namoota nagaa kanneen konkolaataan imala irra jiran Bitootessa 26, 2025 humnoonni finxaaleeyyii Amaaraa Faannoon ukkaamsuun hanga ammaatti achi buuteen isaanii kan hin dhaga’amne ta’uu jiraattonni ONM’f addeessanii jiru.
Gareen badee balleessaan akka Abiy Ahimed dhufeen qabsoo bilisummaa Oromoo dura dhaabbachuuf ijaaraman kanneen maqaa Faannoo moggaafachuun socho’anii fi heyyama murna Bilxiginnaan hidhachiifamanii kutaalee Oromiyaa garaa garaa keessa deddeebi’uun waan aadeffannaa fi barsiifata abbaa isaanii kan ta’e gocha gara jabinaa fi hammeenyaan guutame uummata Oromoo irratti raawwachaa kan jiran keessattuu ona Dharraa keessatti irra deddeebiin namoota ajjeesuu fi ukkaamsanii maallaqa gaafachuun haalaan jabaatee jira.
Dhala namaatiif gara laafina tokkollee kan hin qabne gareen finxaaleeyyii Amaaraa kunneen yeroo adda addaatti uummata Oromoo ukkaamsuun saamichaa fi ajjeechaa gara jabinaan irratti raawwachuu, maatiitti bilbilchiisanii qarshii guddaa gaafachuu fi gochoota farra dhala namaa ta’an kanneen biroo dabalatee sarbamiinsi mirga namoomaa uummata Oromoo irratti raawwachaa jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

