ONM-ABO Adoolessa 25, 2025
Murni Bilxiginnaa Arsii Lixaa magaalaa Shaashamannee gandoota hedduu keessatti manneen uummataa maqaa koriderii jedhuum diiguu hammeessanii kan jiran yoo ta’u, yeroo ammaa kanas bifa haaraadhaan magaalattii guutuu keessatti manneen uummataa doozariin diiguun uummatni iddoo bultii dhabee bakkeerra bulaa jiraachuu jiraattotni magaalattii Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeran.
Jiraattotni kunneen yeroo mana kana ijaarratan aarsaa hedduu itti kaffalaa waan turaniif har’a yeroo bifa kanaan manni isaanii diigamee argan jireenya irraa abdii kutachuun biyya gadi dhiisanii baqachaa jiraachuu fi ijoolleen biyya alaa irraa mana namaa galuun hojjetanii ijaarratan immoo hedduun isaanii xiin-sammuu dhukkubsachaa jiraachuu jiraattonni dabaluun ifoomsaniiru.
Kana malees magaalaadhuma kana keessatti maqaa waraanatu waan nyaatee biyya eegu dhabe jedhuun nama tokko irraa qarshii 5000 guuraa kan jiran yoo ta’u, hawaasni iddoo fuudhee kaffalu dhabuun qabeenya isaa gurguree kaffalaa jiraachuu fi warri harka qalleeyyiin waan gurguran illee dhaban immoo hidhamanii qarshii 10,000 gaafatamuun, kan fira qabu fira isaa irraa kadhatee kaffalatee ba’aa jiraachuun eerameera.
Oduu biraatiin immoo Shaashamannee keessatti Adoolessa 20, 2025 hanga Adoolessa 23, 2025’tti iddoo boba’aan konkolaataa itti gurguramaa ture hunda isaa cufuun, iddoo Nook jedhamu qofa banaa gochuun gatii isaa garmalee qaalessanii konkolaachistoonni gatii kana guunnee oofuu irra konkolaataadhumayyuu ni dhaabna jechuu fi yeroo dheeraa dabaree eeggachuuf dhaabachaa ooluu irraa kan ka’e abbootii qabeenyaa galii argatan dhabuun uummatni tajaajila dhabuun rakkachaa jiraachuun gabaafame.

