Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Jimmaa Aanaa Saqqaa Coqorsaa keessatti hidhaa fi dararaan ergamtoota sirnichaan hawaasa nagaa irratti raawwatu akkaan cimee itti fufe

ONM-ABO Adoolessa 25, 2025 

Godina Jimmaa aanaa Saqqaa Coqorsaa ganda Allaaggaa Andoodee jedhamu irraa torban darbe keessa nama maqaan isaa Obbo Fadiilaa Ahimad jedhamu waraanni Bilxiginnaa badii tokko malee ukkaamsuun hidhaatti darbatanii hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Obbo Fadiilaan siyaasa kam irraa bilisa yoo ta’u, jaleewwan Bilxiginnaa ammoo sababa “misooma biqiltuu baala Shaayee ba’uu didde” jedhuun kan hidhan ta’uu dubbatu.

Kana malees, haadha warraa isaas “abbaa warraa keetu misooma biqiltuu baala Shaayee ba’uu dide” jechuun guyyoota muraasaaf hidhanii dararaa kan turan ta’uu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Exit mobile version