ONM-ABO Adoolessa 25, 2025
Mootummaan Taalibaan Afgaanistaan Kamisa kaleesssaa gabaasa Dhaabbatni Mootummoota Gamtoomanii lammiilee Afgaanistaan biyya alaatii deebi’an irratti sarbama mirga namoomaa hamaa bal’inaan ibsu baase, dhaabbatichi ololaa fi oduu babal’isaa jira jechuun himachuun akka kuffisu ibseera.
Dubbi himaan Taalibaan Zabihullaa Mujaahid AFPtti akka himanitti, “Namoonni gabaasa kana keessatti caqasaman sirrii ta’uu dhiisuu danda’u, sirnicha mormuu danda’u, ykn olola ykn oduu facaasuu barbaadu ta’uu danda’a kanaaf UNAMA (United Nations Assistance Mission in Afghanistan) kaayyoo kanaaf fayyadamaa jiru” jechuun AFPtti himaniiru.
Gabaasni Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Kamisa maxxanfame akka ibsetti, aangawoonni Taalibaan lammiilee Afgaanistaan Iraan fi Paakistaanii deebi’uuf dirqaman irratti dararaa fi hidhaa fedhii malee raawwachuu dabalatee sarbama mirga namoomaa raawwachaa jiru.
“Namoonni gara biyyattiitti deebi’an kanneen addatti balaa haaloo ba’uu fi dhiittaa mirga namoomaa biroo aangawoota bulchiinsa Taalibaniif saaxilaman dubartootaa fi shamarran, namoota dhuunfaa mootummaa duraanii fi humnoota nageenyaa isaa waliin hidhata qaban, hojjettoota miidiyaa fi waldaalee siivikii turan,” jechuun UN ibsa gabaasa kana waliin gadhiifamee ba’een ifoomseera jechuun AFP’n gabaaseera.

