Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Shaggar Aanaa Calliyaa keessatti waraanni faashistii PP hawaasa nagaa hidhaatti guuraa jiraachuun himame 

ONM-ABO Adoolessa 26, 2025 

Lixa Shaggar aanaa Calliyaa ganda Biloof Ceekkuu keessatti waraanni Bilxiginnaa Adoolessa 21, 2025 nama maqaan ishee Aadde Biyyanshee Guuttataa jedhamtu badii tokko malee ukkaamsuun hidhanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Aadde Biyyansheen tuttuqqaa dhaaba siyaasaa kamiiyyuu kan hin qabne yoo taatu, maqaa “ilma kee bosona jiru galchi” jedhuun hidhanii hiraarsaa jiraachuu dubbatu.

Waraanni koloneel Abiy Ahimed WBO lolaan injifachuu oggaa dadhaban gara maatii qabsaa’otaa fi sabboontota ilmaan Oromootti deebi’uun adamsanii hidhuu, ukkaamsanii bakka buutee dhabamsiisuu, haala suukkanneessaa ta’een ajjeesuu fi saamicha irratti raawwachuu itti fufanii kan jiran ta’uun ni beekama.

Exit mobile version