ONM-ABO Sadaasa 3, 2025
Godina Lixa Shaggar aanaa Calliyaa ganda Cobii jedhamu keessatti waraanni PP dirqamaan qonnaan bultoota hojii qonnaa hojjeechuun maatii isaanii jiraachifatan dirqamaan uukkamsuun milishummaa leenjisaa jiraachuu jiraattotni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Akka jiraattotni himanitti waraanni PP uummata nagaatti bobbaafamuun namoota maqaan isaanii:
- Obbo Taadduu Gaashahuun fi
- Obbo Abdii Tolasaa
jedhamanii fi kanneen maqaan isaanii hin eeramne hedduu ta’an afaan qawween uukkaamsuun dirqamaan milishummaa leenjisuun du’aaf qopheessaa jiraachuu dubbatu.
Murni Bilxiginnaa lola saboota cunqurfamoo impaayeratti keessa jiraatan irratti waraanaa fi caasalee isaa fixachuun ammas immoo dibbee lolaa reeba jiru dhugoomfachuuf uummata nagaa golee Oromiyaa keessatti dirqamaan ukkamsuun leenjii waraanaatti erguun duguggaa sanyii saba Oromoo irratti rawwachaa jiraachuun ni mul’ata.
Murni Bilxiginnaa waraana isaa bakkeewwan garaagaraatti waraana irratti dhumate bakka buufachuuf uummata nagaa golee Oromiyaa cufa keessatti dirqamaan uukkamsuun gara dirree waraanaatti ergaa jiraachuun ni beekama.

