ONM-ABO Sadaasa 13, 2025
Godina Baha Wallaggaa aanaa Nuunnuu Qumbaa gandoota baadiyaa cufa keessatti qonnaan bultoota dirqamaan uukkaamsuun milishummaa leenjisaa jiraachuu jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf ifoomsanii jiru.
Akka jiraattotni himanitti, loltoonni Bilxiginnaa uummata nagaa uukkamsuun namoota maallaqaa gurguddaa qaban harkaa fudhatanii gadi lakkisuun, warreen homaa maallaqa kennuufii hin dandeenye harka qalleeyyii ta’an ammoo uukkaamsanii fuudhanii deemuun leenjisaa jiraachuu jiraattotni itti dabaluun dubbatu.
Murni Bilxiginnaa gamtokkoon ilmaan Oromoo dirqamaan uukkaamsee dirree waraanaatti erguun, gam biraan ammoo maqaa garaagaraa itti moggaasuun yakkee ajjeesuun duguuggaa sanyii Oromoo irratti gaggeesuun egeree sabichaa dhabamsiisuuf xiyyeffatee hojjeechaa jiraachuun ni beekama.

