Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Aanaa Nuunnuu Qumbaa keessatti waraanni maafiyaa PP manneen jiraattotaa gubaa jiraachuun dhaga’ame

ONM-ABO Bitootessa 11, 2026 

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Nuunnuu Qumbaa ganda Waamaa Lalisaa keessatti waraanni maafiyaa PP Bitootessa 9, 2026 mana jiraattotaa gubuu fi namoota nagaa irratti reebicha ulfaataa irraan gahaa jiraachuu jiraattotni himan.

Akka jiraattotni himanitti, waraanni maafiyaa PP mana Obbo Gammachuu Firrisaa qabeenya guutuu waliin abidda itti shidanii gubanii barbadeessuun isammoo uukkaamsanii fuudhanii kan deeman yoo ta’u, nama maqaan isaa Baabunee Caalii jedhamu ammoo reebicha ulfaataa irraan gahuun afaanii fi funyaaniin dhiiga irra yaasanii akka deeman jiraattotni itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Namoonni yakki waraana maafiyaa PPn irratti raawwatamee kunneen badii tokko osoo hin qabaatiin maqaa sobaa “Waraana Bilisummaa Oromoo deggartu” jedhu itti moggaasuun mana irratti gubuun qe’ee fi qabeenya isaanii irratti hiraarsaa akka jiran jiraattotni keessa beekan itti dabaluun addeessanii jiru.

Exit mobile version