ONM-ABO Muddee 31, 2025
Godina Lixa Shaggar aanaa Midaa Qanyii ganda Gambeela jedhamu keessatti dheengadda Muddee 29, 2025 waraanni PP qabeenya uummata saamuu fi uummata nagaa hidhuu itti fufanii jiraachuun jirattootni himan.
Akka jiraattotni himanitti, waraanni PP gara ganda keenyaatti bobbaafamuun namoota maqaan isaanii:
- Obbo Gamsiisaa Qerree jalaa loon torba jalaa ooffachuun isas uukkaamsuun fuudhanii deemuun
- Oromee Ayyaanaa ammoo ukkamsuun fuudhanii deemuun
waajjira Poolisii aanichaatti hidhanii hiraarsaa jiraachuu jiraattotni itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Aanicha gandoota garaagaraa keessatti waraanni PP irra deddeebiin gochawwan suukkanneessoo ilma namaaf hin malle qe’ee fi qabeenya isaanii irratti raawwachuun roorroo fi gidiraa hamaaf saaxiluun jabaatee itti fufaa jiraachuun ni beekama.

