Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Shaggar aanaa Booraa keessatti uummanni dirqamaan leenjii milishummaaf hiraarfamaa jiraachuu himan 

ONM-ABO Adoolessa 1, 2024

Sirni diimookiraasii bal’isee gaaffii siyaasaa uummata Oromoo deebisuu hin feene bilxiginnaan humnaa fi baay’ina waraanaatti amanuun guutuu Oromiyaa hundumaatti jiraattota nagaan dalagatanii bulan, bulchiinsa sirnichaa akka tiksaniif dirqamaan baasee adda waraanaatti guuruu fi ittiin kaabinoota isaa tiksisuu hammeesseera.

Namoonni murnichi leenjisaa jirus umurii, saala, fayyummaa qaamaatii fi kanneen biroon osoo hin qoratamin, meeshaa baachuu qofaa gootummaa itti fakkeessuun daa’immanii fi jaarrolee umurii malee lolatti bobbaasee salphisaa jira.

Haaluma kanan godina Baha Shaggar aanaa Booraatti gandoota akka Bartaa Saamii fi Tuqaa Langaanootti uummanni dirqamaan leenjii milishummaa fudhatanii meeshaa hidhachuu qabu jechuun murni bilxiginnaa leenjiitti guuruun maatiin qonni isaanii karaatti akka hafu taasisaa jiru.

Namootni leenjii milishummaa kana maatii keenya agabsinee hin fudhannu, uummata keenya ittiin doorsisuuf meeshaa hin baannu jechuun qe’ee isaanii dhiisanii jalaa badanis waraanni faashistii PP qe’ee isaanii irra deemuun hidhaaf barbaadaa jiraachuu fi maatii isaaniin fidaa jedhanii doorsisaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version