Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Seenaa Oromoo kaleessa ijaan arginee osoo hin taane, Seenaa irraa barannee nuutis dhaloonni har’aa galaa boruuf keenyee darbuu qabna! |”Kitaaba Bilisummaaf Kaffali” Jaal Liiban Yuusuf

Seenaa Oromoo kaleessa ijaan arginee osoo hin taane, Seenaa irraa barannee nuutis dhaloonni har’aa galaa boruuf keenyee darbuu qabna!

Kanaaf “Kitaaba Bilisummaaf Kaffali?” jedhu, yeroo isaa Aarsaa godhee bifa kanaan barreessee dhalootaf lafa kaahee jira!
Jaal Liiban Yuusuf galiin Kitaabicha irraa argamu guutumaa guutuutti WBOf akka galii tahu murteessee jira! ✍🏽❤️💚❤️

Maarree Miseensotni, Deggartoonni Jaarmayaa ABO-WBO Biyya Alaa,
Jaallattoonni Waraana Bilisummaa Oromoo Ilmaan Oromoo biyyoota gara garaa keessa jirtan kanneen Kitaaba kana bitachuu barbaaddan guyyaa boruu eebba sagantichaa irratti argamtanii “Kitaaba Bilisummaaf Kaffalii?” Jedhu bitachuudhaan Irreef Gaachana Sabaa kan tahe, Gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo haa ittiin haa jabeessinuu??

Asumaan ilmaan koon ijarraa hafaa!! Guddaadhaa jedha!!

Exit mobile version