ONM-ABO Hagayya 11, 2025
Hidhattoonni bulchiinsa kibba baha Iraan Siistaan-Baluchistaan jeequmsa keessa jirtu keessatti poolisii tokko ajjeesuu isaanii miidiyaaleen Iraan Dilbata kaleessaa gabaasuun namoonni haleellaa raawwatan sadiis du’uu isaanii ibsaniiru.
“Poolisiin Saravan irraa dhufe tokko shororkeessitoonni buufata poolisii seenuuf osoo yaalaa jiranii” naannoo Sistan-Baluchistan keessatti ajjeefame jedha dhaabbati oduu Tasnim.
Haleellaan kun miseensota garee hidhattoota Sunnii Jayish al-Adl (“Army of Justice” of Arabic) kan teessoo isaa Paakistaan godhatee fi kibba baha Iraan keessatti socho’u ta’uu dhaabbatichi beeksiseera.
”Shororkeessitoonni sadii ajjeefamaniiru, lama ammoo to’annoo jala oolaniiru,” jedhe Tasnim.
Daangaa dheeraa Paakistaan fi Afgaanistaan waliin kan qooddattu Sistan-Baluchistan, bakka yeroo baayyee humnoota nageenyaa fi finciltoota ykn kontirobaandistoota gidduutti walitti bu’iinsi itti uumamuudha.
Bulchiinsi kun ummata guddaa kan keessummeessitu yoo ta’u, saba xiqqaa Balooch kan Islaamummaa Sunnii, Iraan Shi’aan baay’inaan keessa jiraatu keessatti hordofuudha jechuun AFP’n gabaaseera.

