ONM-ABO Hagayya 8, 2025
Uummata nagaa ajjeessuu, hidhuu, saamuu fi mana irratti gubuu tooftaa fi tarsiimoo siyaasaa isaa godhachuun, duguuggaa sanyii uummata Oromoo irratti raawwachaa kan jiru murni Bilxiginnaa, gara kufaatiitti adeemaa akkuma jiruun gochaa badii isaas uummata irratti daran hammeessaa kan jiru yoo ta’u, godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Tolee keessaa badii tokko malee namoota hidhaa jiraachuu jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeran.
Hagayya 3, 2025 loltootni sirnichaa aanaa Tolee ganda Dhokaat jedhamu keessaa abbaa maatii nama maqaan isaa:
- Obbo Gazzuu jedhamu fi ijoollee isaa;
- Shawaayyee Gazzuu fi
- Boontuu Gazzuu
jedhaman badii tokko malee halkan mana itti cabsuun qabanii hidhanii jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Guyyaadhuma sana jiraataadhuma gandichaa kan ta’e, ilaalcha siyaasaa kam iyyuu keessaa harka kan hin qabne nama maqaan isaa Raggaasaa Nugusee jedhamus qabanii hidhaatti darbachuun dararaa akka jiran jiraattotni dabaluun ibsaniiru.
Murni Bilxiginnaa aanaa Tolee keessatti bakkoota hedduutti uummata nagaa siyaasa keessatti hirmaannaa tokkollee hin qabne irratti gochaa dabaa hojjachaa akka jiran kanaan duras irra deddeebinee gabaasaa turuun keenya ni yaadatama.

