Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina kibba lixa Shaggar aanaa Tolee magaalaa Baantuu keessatti dargaggootni  Oromoo baatii dheeraaf hidhamanii dararamaa jiraachuu maddeen himan

ONM-ABO Sadaasa 1,2023

Ilaalcha gadaantummaa uummata Oromoo irratti qabu akkuma sirnoota darbanii qabatee gara aangoo impaayera Itoophiyaatti kan dhufe kolonel Abiy Ahimed yeroo ammaas gochoota uummata Oromoo duubatti hambisan hojii isaa hangafaa godhatee ilmaan Oromoo keessattuu barattoota jumlaan mana hidhaatti guuruu irratti argama.

Koloneel Abiy Ahimed yeroo gara aangoo impaayerattiitti dhufu fakkeessuuf ykn uummata biratti jaallatamummaa argachuuf jecha hidhamtoota haa hiiku malee yeroo ammaa kan sirnoota darbanii caala waan argaaf dhageettii namaatti hin tolletu ilmaan Oromoo irratti raawwatamaa jira.

Aanaan Tolee aanoota godinni kibbi lixi Shaggar qabdu keessaa tokko yeroo taatu barattootni hedduunis jumlaan aanicha keessatti hidhamuun baatilee hedduuf murtii seeraa malee gidirfamaa jiru.

Ji’a darbe irraa eegalee dargaggootni mana hidhaa aanichaa  keessatti hidhamanii jiran lakkoofsaan 50 ol akka ta’aan ragaan maddeen mana hidhichaa keessaa argame ni muldhisa.

Dargaggoota hidhaman keessaa kan maqaa arganne 31 yoo ta’an isaaniis, Ibsaa Dajanuu, Darajjee Nagaash, Urumaa Irranaa, Gabbisaa Birhaanuu,   Araarsaa Hayilee, Abbaayinaa Birhaanuu,   Lammeessaa Damisee,  Shimallis Guutamaa, Dassaaleny Haayiluu,  Lammaa Dabaluu,  Magarsaa Rattaa,  Ashannaafii Asfaw,  Mul’isaa Birhaanuu, Shuumii Mul’ataa  Tashaalaa Kumaa, Dajanuu Gonfaa, Sisaay Itichaa, Qaboo Gabayyoo, Qaaleessaa Garruu, Zarihuun Indaalaa, Geetaachoo Caalaa, Adaanaa Kabbadaa, Cannaqaa Taayyee, Nugusee Galaanaa, Deebisaa Koorsaa, Geetuu Xurunaa, Waamii Sobbooqaa, Teediroos Birhaanuu, Darajjee Gazzuu, Dinqaa Tasfaayee, fi Naannessaa Bajjii kanneen jedhamaniidha jechuun maddeen mana hidhaa magaalaa Baantuu Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan. 

Dargaggoota mana hidhichaa keessatti hidhamanii dararamaa jiran kana keessa warreen baatii shanii fi isaa ol lakkoofsisan kan jiran ta’uus dubbatan.

Exit mobile version