Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina kibba lixa Shaggar aanaa Tole keessatti dargaggoonni Oromoo baatii tokkoo oliif yeroo qabamanii waajjira poolisii magaalaa Baantuu turan achi buuteen isaanii dhabamu maddeen himan

ONM-ABO Sadaasa 7, 2023

Duguuggaan sanyii ilmaan Oromoo irratti geggeeffamu jabaatee itti fufuun addatti ammoo erga koloneel Abiy Ahimed gara aangoo impaayeera Itoophiyaatti dhufee kaasee dargaggoota irratti harka caalu xiyyeeffachuun ajjeechaa jumlaa dabalatee mana hidhaatii baasanii achiil buutee dhabamsiisuun daran jabaatee jira.

Sirnichi dabballootaa fi hidhattoota isaaf amanamoo ta’an leenjisee uummata gidduutti bobbaasuun dargaggoota qaroo sabaa ta’an irratti xiyyeeffachuun hidhanii kan dararan yoo ta’u, kibba lixa Shaggar aanaa Tolee gand Gololee fi Tamsa’aa keessaa baatii tokkoof torbee lama dura dargaggoota maqaan isaanii Naanneessaa Bajjii, Geetuu Xurunaa, Waamuu Sobbooqaa fi  Deebisaa Koorsaa jedhaman hidhattoota sirnichaan qabamuun waajjira poolisii magaalaa Baantuu keessatti kan hidhan  yoo ta’u yeroo ammaas achi buuteen isaanii dhabamuu dubbatu.

Akka namni dhimma dargaggoota kanaa itti dhiheenyaan hordofaa ture tokko jedhetti dargaggoonni kunneen balleessaa tokkoyyuu qabaatanii osoo hin taane Oromummaa Isaanii qofaaf akka hidhamanii fi yeroo  ammaas du’aniif jiraataniin isaaniis akka hin beekamne hima.

Maatiin ijoollee kanaa dhaqanii gaafatanis, hin beeknu lafa isaan jiran, deemaa asii jedhanii akka achii ari’anis dubbachuun aanicha keessatti dargaggoota mana hidhaa baasanii ajjeesuun waan baratamaa waan ta’eef ijoollee kanas hireen isaanii kana ta’uu waan hin oolle jechuun ibsa.

Exit mobile version