Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Shaggar Aanaa Fantaalleetti murni Bilxiginnaa uummata irratti manneen gubuun godaansise

ONM-ABO Hagayya 17, 2025 

Hagayya 14, 2025 murni teessuma aangoo ofii tikfachuu malee dantaa uummataa hin qabne Bilxiginnaan seera dhableeyyii waraana isaanii aanaa Fantaallee ganda Qobboo iddoo addaa Funyaan Cirrii jedhamutti bobbaasuun, ergamtootni sirnichaa kunneen manneen uummataa jumlaan gubanii barbadeessuun uummata buufata waraanaatti godaansisanii jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Jiraattota dirqamaan iddoo jireenyaa isaanii irraa buqqaafamuun rakkachaa jiran keessaa kanneen maqaa arganne:

  1. Roobaa Mammadoo Abdoo,
  2. Amadoo Huseen Roobaa fi 

kanneen biroo hedduu ta’an akka jiran himuun irra caalaan uummata kanneenii tikfattoota waan ta’aniif loowwan isaanii bakka dheeda dhabuun beelaan dhumaa akka jiran jiraattotni ifoomsaniiru.

Haaluma kanaan uummatni Oromoo aanaa Fantaallee baay’een isaanii horsiisee bultoota ta’uu kan beekamu yoo ta’u, haalli qabatamaan isaanii dhiisuun kanaan duras kaadirootni Bilxiginnaa waan isaan hin beekneen yakkuun namoota hedduu hidhuun mana irratti gubanii loon isaanii saamuun dararaa gurguddaa irratti gaggeessaa turuu gabaasuun keenya ni beekama.

Exit mobile version