ONM-ABO Hagayya 29, 2025
Kibxata darbe Hagayya 26, 2025 ergamtootni Bilxiginnaa Arsii Bahaa aanaa Siree ganda Aleeluu Gazalaa jedhamu keessatti namoota qaama siyaasaa kam irraa bilisa ta’an jalaa manneen gubanii barbadeessuu jiraattotni gabaasan.
Namoota manneen isaanii loltoota surnichaan jalaa gubate keessaa kanneen maqaa arganne:
- Bakar Mahaammad,
- Dharoo Armaan,
- Kiisuu Usmaan,
- Muhaammad Jamaal fi
- Muhaammad Bashir
kanneen jedhaman oggaa ta’an, namoonni kunneen osoo qabeenya isaanii keessaa hin baafatin qabeenya isaanii guutuu waliin abiddaan gubanii barbadeessuun harka duuwwatti hambisanii jiraachuu jiraattonni dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeran..
Oduu saamichaan immoo Arsii Bahaa aanaa Boqojjii magaalaa Boqojjii keessatti namoota hojii adda addaa hojjetanii magaalicha keessatti jireenya ofii gaggeeffataniin “namni tokko osoo gibira hin kaffalin waa hojjechuu hin dandeessan” jechuun warra mana nyaataa qabuu fi dukkaana qabu akkasumas, karaa gubbaatti waa gurguratan doorsisuun hojii irraa dhowwaa jiraachuu jiraattonni dabaluun gabaasan.
Yeroo hojii kana dhorkuuf deeman ergamtootni Bilxiginnaa kunneen manneen hawaasaatii, mana nyaataa, karaa gubbaa irraa nyaataa fi dhugaatii, kuduraalee fi muduraalee garaa garaa gatii osoo hin kaffalin hawaasa jalaa fudhatanii nyaatanii biraa deemuun dabalataan ibsamee jira.
Ittuma fufuun, Arsiidhuma Bahaa aanaa Hoonqoloo Waabee ganda Limmuu Lamaanii jedhamu keessattis maqaa waajjira gandaa eebbifna jedhuun qarshii 1200 hawaasa irraa dirqisiisanii guuraa kan jiran yoo ta’u, namoota waan kaffalan dhaban immoo qabeenya isaanii harkaa saamuu fi isin hiina jechuun doorsisaa jiraachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

