Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Hamaas yeroo pirezidaantiin US Ameerikaa Doonaald Tiraamp ‘akeekkachiisa dhumaa’ kennaa jiranitti mari’achuuf qophii ta’uu ibse

ONM-ABO Fulbaana 8, 2025 

Hamaas waan “yaadota tokko tokko gama Ameerikaa irraan waliigaltee dhukaasa dhaabuu irra ga’uuf kaayyeffatan” jechuun ibsame hordofuun “hatattamaan minjaala marii irra taa’uuf” qophii ta’uu Dilbata kaleessaa ibseera.

Ibsi isaanii kun kan ba’e, prezidaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp, Hamaas namoota Gaazaa qabamanii jiran ykn booji’amtoota gadhiisuuf waliigaltee akka fudhatu “akeekkachiisa isa dhumaa” kennuu isaanii erga dubbatanii booda.

“Sochiin Hamaas jalqabbii weerara ummata keenya irratti raawwatamu dhaabuuf tattaaffii taasifamu deggaru kamiyyuu ni simanna, hidhamtoota hundi gadhiifamuu irrattis hatattamaan minjaala marii irra teenyee mari’achuuf qophii ta’uu keenya ni mirkaneessina,” jedha gareen hidhattoota Falasxiin.

Jijjiirraa kanaaf “xumura waraanaa ifatti labsuu, Gaazaa keessaa guutummaatti akka ba’an fi koreen Falasxiinota walaba ta’anii fi Gaazaa bulchu ijaaramuu fi hojiin isaa battalumatti jalqabu” barbaade.

Kanaan dura Tiraamp miidiyaa hawaasaa irratti akkas jechuun maxxansaniiru: “Israa’eloonni haala koo fudhataniiru. Hamaas akkasuma fudhachuu yeroon isaa amma. Fudhachuu dhabuun bu’aa akkamii akka qabu Hamas akeekkachiiseera. Kun akeekkachiisa koo isa dhumaa dha” jedhan manguddoon ganna 79 Doonaald J Traamp.

Hidhattoonni Hamaas haleellaa guddaa Onkoloolessa 7, 2023 Israa’el irratti raawwataniin  namoota 251 booji’anii of harkatti kan qabanii turan yoo ta’u, 47 ammallee Gaazaa keessa jiru.

Waraanni Israa’el isaan keessaa 25 du’aniiru jedha. Israa’el reeffi isaanii akka deebi’u barbaadaa jirti jechuun AFPn gabaaseera.

Exit mobile version