Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Murni Bilxiginnaa simannaa bara haaraa habashootaa kana osoo uummatni qaala’iinsa jireenyaan miidhamaa jiru waan akka bu’aa guddaa argamsiisetti himachaa jiraachuun barame

ONM-ABO Fulbaana 8, 2025 

Impaayerri Itiyoopiyaa waggoottan torban darban bulchiinsa Bilxiginnaa jalatti miidhaa gurguddaa keessummeessaa kan jirtu yoo ta’u, isaan keessaa tokko rakkoo nageenyaa fi jireenyaati.

Rakkoolee kanatti dabalataan lammiileen hoji-dhabdummaa fi godaansaaf saaxilamanii jiru. Impaayera lammiileen abdii kutannaa keessa jiranii fi irra hedduun namootaa kara barbaachisaa ta’een impaayerattii keessaa godaanuu barbaadan kana keessatti akka waan Itiyoopiyaan lafa jireenya namootaaf mijataa taateetti fi Bilxiginnaan jijjiirama ajaa’ibaa (miracle) uumeetti akkasumas, hojii lammiileef ta’u hojjetetti yeroo aanga’ootni PP dubbatan ni dhaga’amu.

Xumura torbee darbee kana keessa ammoo pirezidaantiin PP bakka ministeera odeeffannoo fi dubbi himaa mootummaa bakka bu’anii miidiyaa irraa hin dhabamne Abiy Ahimed dhimma eebbifamuu hidha guddicha laga Abbayyaa fi simannaa bara haaraan wal qabatee hiyyeessota gargaaraa jirraan bu’aa siyaasaaf yeroo hojjetaa turetti dubbii sobaa haala qabatamaa impaayerattii hin ibsine dubbachaa ture.

Impaayera UN lammiileen ishee miliyoona 86 sarara hiyyummaa gadi keessa jiru jedhee fi gabaasni rakkoo nyaata addunyaa yeroo dhiyoo ba’e akka agarsiisutti lammiilee impaayerattii 5 keessaa 1 agabuu bulu jedhetti guddanneerra, injifanneerra, nama gargaaruu eegalleerra, warra hiyyeessotaaf yaaduu fi garaa laafoo ta’uu keenya agarsiisneerra yeroo jedhaniin of dhaadan dhaga’amaa ture.

Dhuguma gabaasni isaanii sirrii osoo ta’ee lammiileef gaarii ta’us, waanti qabatamaan jiru garuu faallaa isaati. Uummatni hiyyummaatti kufuu qofa osoo hin taane qabeenya isaa mootummaa nan bulcha jedhamuun saamamuu fi lubbuun isaa namoota inni qawwee hidhachiiseen darbaa jiraachuudha.

Nageenya dhabuu Itiyoopiyaa bu’uura irraa jireenya uummataa diige kana ilaalchisuunis gabaasaan Global Peace Index akka jedhetti Itiyoopiyaan haala nageenyaan addunyaa irrattis ta’e Afrikaa irratti Ertiraa gadi. Gabaasni kun yeroo aanga’ootni impaayearattii nagaa waaraa qabna jedhanii ibsanittti dhufuun namoota hedduu dubbachiisaa ture.

Barri 2017 Akka Lakkoofsa Habashaatti darbaa jiru kun bara daa’imni waggaa lamaa gadii haadha irraa fuudhamee ajjeeffame, daa’imni waggaa 10 gadi Simboo Biraanuu waraana goolessaan gudeedamtee fannifamtee ajjeefamte yoo ta’u, warri jannata lafa irraa isiniif ijaarra, nagaa waaraa qabdu jedhan garuu waan lammiilee Itiyoopiyaaf hin guunnee fi impaayerattiin keessa hin jirre miidiyaa argataniin zaayitii, lukkuu, daakuu fi uffata uummata miliyoona 120 ol jedhan sana keessaa waan 1000 hin guunneef kennanii viidiyoo warabamuun akka amala isaanii goyyomsaa uumaa akka jiran ni beekama.

Exit mobile version