Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Uummanni Oromoo Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Abee Dongoroo irraa garee Finxaaleeyyii Amaaraan buqqafaman rakkoof saaxilamaa jiraachuun ibsame 

ONM-ABO Fulbaana 8, 2025 

Gareen Finxaaleeyyii Amaaraa maqaa Faannoon ijaarame ilaalcha sanyummaa fi jibbiinsa daangaa darbeen gara jabummaa ulfaataa uummata Oromoo irratti taasisaa kan jiru, tumsa murni Bilxiginnaa meeshaalee waraanaa hidhachiiseen duguuggaa sanyii raawwachaa jiru torban lamaan darban keessas ajjeechaa suukkanneessaa aanaa Abee Dongorootti raawwate hordofee qaamni saba Oromoof birmatu dhibee uummanni dirree onaa irratti rakkoo argaa jira.

Haaluma kanaanis godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Abee Dongoroo ganda Hoomaa Galeessaa dabalatee gandoota sadii irratti gocha  raawwateen namoonni 30 ol ajjeefamuun kanneen 50 ol ta’anis achi buuteen kan dhabame oggaa ta’u, maatiin ilmaan irraa dhumate hanga har’aatti rakkoo ulfaataaf kan saaxilamaa jiran ta’us, qaamni sabichaaf birmatu dhibuu irraan kan ka’e haawwan daa’imman harkatti qabachuun beelaa fi dheebuun waadamaa imimmaan lakkuu roobsaas miidiyaa hawaasaa gubbaatti ba’anii haala keessa jiran yeroo isaan dubbatantu mul’ata.

Haa ta’u malee qaamni murna Bilxiginnaa dhumaatii sabichaaf qaamolee adda addaatti quba qabuun kan hafe saba daa’imman waliin dirree irratti ba’e guyyoottaniif nyaataa fi wanta dhugamu kadhachaa jiruuf tumsa taasisuu dhiisuun tapha siyaasaa isaa ittiin miidhagfachaa kan jiru yoo ta’u, uummanni daa’imman harkatti beela’an kanneeniif wabiin jireenyaa tokkoyyuu dhibuun daran nama yaaddessa jechuun jiraattonni dubbatu.

Exit mobile version