Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Amuruutti waraanni maafiyaan PP uummata nagaa irratti dhiittaa mirga namoomaa hammeessuu maddeen himan

ONM-ABO Fulbaana 16, 2025 

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Amuruu ganda Wal-Qixxee bakka addaa Birbirsa Namoo jedhamutti Fulbaana 12, 2025 waraanni maafiyaan PP jiraattota irratti saamichaa fi gudeeddaa raawwachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf addeessanii jiru.

Akka maddeen addeessanitti, waraanni maafiyaan pp gara ganda Wal-Qixxeetti bobbaafamuun uummata ayyaana bara haaraa impaayerattii kabajachuuf walitti qabamanii dhangaalee nyaataa fi dhugaatii qopheeffatanii jiran irratti saamicha raawwachuun, shamarranii fi haadholii naannichaa irratti ammoo gudeeddaa raawwachuu itti dabaluun addeessanii jiru.

Aanaa Amuruu gandoota garaa garaa keessatti uummatni nagaan hidhattoota finxaaleeyyii Faannoo fi waraana PP’n gidirfamuun irra deddeebbiin qe’ee fi qabeenya isaanii irratti ajjeefamaa, saamamaa akkasumas buqqifamaa jiru, itti fufanii miidhaa kana irratti qaqqabsiisaa jiru.

Murni Bilxiginnaa abdii kutachuu irraa kan ka’e uummata nagaa irratti dhiittaa mirga namoomaa akka malee hameessuun golee Oromiyaa cufa keessatti waraanni isaa gochawwan suukkanneessaa raawwachuu itti fufuun roorroo fi gidiraa hamtuuf ilmaan Oromoo saaxilaa jiraachuun ni beekama.

Exit mobile version