ONM-ABO Fulbaana 19, 2025
Godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee keessatti bulchaan Bilxiginnaa ganda Tarree Awwaaraa keessaa namni maqaan isaa Ahimed Mahaammad (Goda-Maloo) jedhamuun beekamu aangoo fi qawwee of harkaa qabutti dhimma ba’ee fakkaattota isaa waliin hawaasa aanichaa irratti dararaa ulfaataa geessisaa kan jiru yoo ta’u, torbeedhuma kana keessa jiraattota ganda Goora Haroo kan ta’an jaarsolii biyyaa lama maqaan isaanii:
- Obbo Adam Aliyoo fi
- Aliyyii Raffisee
jedhaman umriin isaanii ganna 80 ol kan ta’e badii tokko malee qabee hidhaatti darbachuun hidhee hiraarsaa jiraachuun addeeffameera.
Kana malees bulchaan Bilxiginnaa kun milishoota of jala hiriirsee gandichatti maatii qabsaa’otaa fi namoota yeroo hawaasummaa jibba dhuunfaa irraa qabu wal dhibdee isaanii sana gara siyaasaatti geeffachuun mana-mana isaaniitti marsanii fira tokko irraa hanga ammaatti qawwee 6 hiikkatee kaanis hidhuun, gariin ammoo qe’ee irraa buqqisaa kan jiru ta’uu fi jiraattootuma ganda Goora Haroo kan ta’an namoota lakkoofsaan 3-4 ta’anis isinan ajjeesa jedhee itti dhaadatee jennaan maatiif qabeenyaa isaanii dhiisanii qe’ee isaanii irraa baqatanii jiraachuun barameera.
Milishoonni sirnichaa bulchaan Bilxiginnaa kun of jala hiriirsee hawaasa gandichaa irratti yakka gurguddaa raawwachaa jiranis muraasni maqaan isaanii nu ga’e:
- Mahaammad Nuuraa,
- Hasan Adam,
- Hasan Ammadii fi
- Mahaammad Adamee
kanneen jedhaman ta’uus jiraattotni gandichaa dararriin kun irra ga’aa jiru Arraata Biyyolessa Oromiyaaf gabaasaniiru.

