Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Dhaabbata industirii aviyeeshinii Dajanitti humnoonni waraanaa ogummaan hojjechaa turan, hojii idilee isaanii mufannaadhaan dhiisanii ba’aa jiraachuun ibsame

ONM-ABO Fulbaana 22, 2025 

Industiriin aviyeeshinii Dajan (DAVI) dhaabbata xiyyaarota lolaa impaayerattii “military aviatiion” namoota ogummaa garaa garaa qaban siivilii fi humna waraanaa fayyadamuun xiyyaarota lolaa suphuun beekama. Haa ta’u malee humnoonni waraanaa ogummaa isaaniin yeroo dheeraaf tajaajilaa turan sababa rakkoo bulchiinsa humna waraanaatiin hojii idilee isaanii gadi dhiisuu maddeen itti dhiyoo jiran Fulbaana 20, 2025 Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Humnoonni waraanaa kunneen hedduun isaanii koolleejjii injiinara waraanaa, ogummaa mekaanikaalii fi electirikaaliidhaan xiyyaarota lolaa helikoptara ‘bomber’, mig-8, Mig-23 fi diroonii suphuu akkasumas dirqama waraanaa hoggantoonni murna Bilxiginnaa uummata nagaa reebuu fi ajjeesuu itti kennan biroo ba’achaa kan turan yoo ta’u, sababa hoggansi waraanaa industirichaa qoqqoodiinsa hin malle nu keessatti raawwateef hojicha gadi dhiisuun nu dirqisiise jechuun qaamni maqaan isaa akka ka’u hin feene rakkoowwan wal xaxaa industiricha keessatti geggeeffamaa jiru Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf ifoomseera. 

Dhaabbaticha keessatti ilaalcha waraanni PP ta’e tokko hin qabneen qoqqoodiinsa humnoota waraanaa gidduutti uumuun, carraawwan guddinaa argachuu qaban irraa ugguramuun yeroo dheeraaf turuu, carraan barnootaa biyyoota alaa fi keessatti hordofamu madaalliin osoo hin taane akka wal beekanitti kennamuu akkasumas madaallii nu hin ilaallanne kaasuun nu gamaggamuu irraan kan ka’e miidhaa qorqalbiif saaxilamuun akka nuti hojicha gadi lakkisnu nu taasiseera jedhan.

Haalli hojii industirichaa kan duriirra duubatti harkifatee kan jiruu fi dinagdeedhaan laamsha’ee hojjettoota irratti gibira humnaa olii fe’uudhaan miindaa gad-bu’aa kaffaluu fi diroonii ittiin uummata nagaa fixaa jiran biyyoota Arabaa fi Awurooppaa irra naanna’anii kadhachuun impaayerattii keessatti ammoo diroonii badee balleessaa hojjenne jechuun doorsisa uumaa oolu.

Haa ta’u malee aviyeeshinichi wal hubannoo kan hin qabnee fi namoota garee PP qofa faarsaniin kan hogganamuudha kan jedhan namootni kunneen guddina ajaa’ibaa ‘miracle’ galmeessinee fi humni waraanaa nu injifatu hin jiru yeroo jedhan kanatti nutti hojjettotni ogummaa garaagaraan tajaajilaa turre hojii badii fi adeemsa murna maafiyaa kana dhiisnee baaneerra jedhaniiru.  

Hojjettoonni siivilii dhaabbaticha hedduun gad -lakkisanii ba’aa akka jiran yeroo darbe gabaasuun keenya ni yaatama.

Exit mobile version