Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Hojjettoonni Humna Qilleensaa impaayerattii siivilii fi waraanni ogummaan hojjetan, akeeka dulloomaa qabaachuu isaatiin dhaabbaticha komatan

ONM-ABO Sadaasa 14, 2025 

Humni Qilleensaa Impaayera Itoophiyaa ‘Air force’ magaalaa Bishooftuu giddu gala ajajaa olaanaa godhachuun erga hundeeffamee kan turee fi  mootummoonni abbaa irree Haayila sillaasee irraa eegaluun dantaa biyyaaf osoo hin taane lammiilee impaayerattii keessa jiraatan cunqursuun aangoo isaanii dheereffachuuf kan hundeessan  yoo ta’u, har’ammoo murni Bilxiginnaa ilaalcha jijjiiramaa dhabuu irraan kan ka’e, hojjettoonni Humna Qilleensaa impaayera Itoophiyaa Siivilii fi waraanni ogummaan hojjetan akeeka dulloomaa qabatee jiraachuu isaatiin dhaabbaticha komachuu isaanii Arraata Biyyoolessaa Oromiyaatti himan.

Dhaabbanni humna qilleensaa impaayera Itoophiyaa hojjettoota siivilii fi waraanaa kan ogummaa garaagaraa dhaabbilee barnootaa olaanoo Yuunivarsitii adda addaa irraa oogummaa Fiiziksii, Injiinara Electrikaalii fi Mekaanikaalii akkasumas kolleejjii polii- teekinikii garaagaraa irraa ogummaa Electirooniksii, mekaanikii waliigalaa, electirikaal elektirooniksii fi kanneen biroo yoo ta’an, hojjettoonni waraana ta’an immoo ogummaa Injiinaringii waraanaa irraa argataniin dhaabbata humna qilleensaa ogummaa isaaniin tajaajilaa akka jiran hojjettoonni dhaabbatichaa ni dubbatu. 

Haaluma kanaan dhaabbaticha keessatti ogummaa qabaniin kutaalee garaagaraa kanneen akka Raadaarii, paawor pilaanti, baallee sochootuu’ rotary wing’ fi baallee dhaabbataa ‘fixed wing’, Eeroo ispeesii, kutaa quunnamtii, awutoo paayileetii fi kutaalee biroo hafan keessatti ramadamuun xiyyaarota lolaa kanneen akka mi-24′ attach’, mi-35, mig- 23’bomber’, Su-27 ‘multi purpose’ , diroonii fi kanneen geejjibaaf oolan kanneen akka mi-8 , antoonoov moodela garaagaraa, SF-26 ‘trainer’, L-39 fi kanneen hafan biroo biyyoota kanneen akka Raashiyaa, German, Faransaay, Yukreen,Turkii fi biyyoota biroon kalaqameen suphaa turuu isaanii hojjetaan kutaa Raadaarii tokko maqaa isaa kaasuu hin feene ONMtti himuun, meeshaaleen kun sirna aangoo irra jiru gadi dhaabuu uummata nagaa ittiiin miidhuuf hojii irra oolaa jiraachuu ibsa. 

Akeekni dhaabbatichaa weerartoota alaa daangaa cabsanii seenan lammiilee impaayeratti irraa qolachuu akka ta’e eeranii, haa ta’u malee humni xiyyaaraa kun akeeka isaa dhiisuun lammiilee nagaa impaayerattii keessa jiraatan diroonii ‘baayiraakltar TB 2’ fi kanneen biroo yeroo dhiyoo kana UAE kadhatanii argatan fayyadamuun ilaalcha badaa fi dulloomaa mootota durii qabatee lammiilee nagaa fi horii akkasumas qabeenya lammiilee mancaasuu irratti duulee kan argamu waan ta’eef haalli Kun akka isaaniif hin liqimfamne hojjettoonni kutaa garaagaraa dhaabbaticha keessa hojjetan ONM’f eeraniiru.

Murni Bilxiginnaa PP’n, xiyyaarota lolaa” ofuma keenyaan oomishaa jirra” jechuun miidiyaa irratti haa ololan malee, qabatamaatti haaraa hojjechuu mitii suphaaf illee lammiilee biyya keessaa irraa ugguruun lammiilee biyya alaa Chaayinaa fi Arabootaaf suphaan isaa kennamaa jira. Bilxiginnaan lammiilee impaayerattii doomsaa “diroonii asumatti oomishaa jirra, osoo uummanni qaala’iinsa jireenyaan gubatuu  guddina ‘miracle’ galmeessine jedhanii gurra of guddisuun of kijibaa akka jiran hojjetaan waraanaa kutaa quunnamtii keessa hojjetu tokko ifoomseera.

Exit mobile version