Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Miseensonni waraana impaayerattii lama hidhannoo guutuun Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Gaawoo Qeebbeetti WBO’tti harka kennachuun beekame

ONM-ABO Fulbaana 22, 2025 

Miseensonni waraana Bilxiginnaa lama godina Qellem Wallaggaa aanaa Gaawoo Qeebbee mooraa waraanaa bulchiinsa magaalaa Arroojjii keessaa Fulbaana 21, 2025:

WBO’tti harka kennachuu ajajaan WBO onichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf gabaasee jira.

Miseensonni waraana Bilxiginnaa harka kennatan kunneenis hiriyoota isaanii akkuma isaanii afaan qawween dirqiisifamuun gara dirree waraanaatti ergamaniin, yeroon isin mooraa cubbamtuu dhiiga saba keenyaa dhangalaastu keessaa godaantanii gara obbolaa keessanii WBO’tti makamuun afaan qawwee keessan gara Bilxiginnaatti garagalchitan amma jechuun dhaamsa isaanii karaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaa dabarfatanii jiru.

Murni Bilxiginnaa waraana isaa lola lammiilee impaayerattii keessa jiraatan waliin ademsisaa tureen fixe bakka buufachuuf akkasumas dibbee lolaa dhaanaa jiru dhugoomfachuuf bakkoota garaa garaatti ilmaan Oromoo manneen barnootaa, mana amantaa fi bakkeewwan hojii garaa garaa keessaa afaan qawween ukkamsuun dirqamaan dirree waraanaatti ergaa turuun kan yaadatamu yoo ta’u, warreen uukkamfamanii leenji’anii ba’an  kunneenis zooniilee waraanaa cufa keessatti WBO’tti harka kennachaa jiraachuun ni beekama.

Exit mobile version