ONM-ABO Sadaasa 1, 2025
Godina Baha Shaggar aanaa Boosat ganda Nuuraa Heeraa mana barnootaa magaalaa Booleetti kaabinoonni Bilxiginnaa rakkoolee fi saamicha bifa garaagaraan qindaa’e hojjechaa kan jiran Onkololeessa 31, 2025 barattoonni fi maatiin barattootaa gochicha balaaleffachuu isaanii Arraata Biyyoolessaa Oromiyaatti himaniiru.
Manni barnootaa Boolee sadarkaa 1ffaa hanga 2ffaatti kan qabdu yoo ta’u, mana barumsaa barattoonni qaxaleen keessaa ba’aa turan keessaa ishee tokko dha. Haa ta’u malee murni abbaa irree PP, erga qabsoo uummata Oromoo butuun aangoo impaayerattii qabate booda manni barumsichaa giddugala daldala siyaasaa fi saamicha bifa dhokataa ta’ee akka jiru barsiisotni fi namoonni buleeyyiin magaalicha jiraatan ni eeru.
Haaluma kanaan jalqabumarraa ka’ee madda rakkoo kan ta’e, daayirektaroonni mana barumsichaa ga’umsaan osoo hin taane namoota dantaa fi sadoo sirna cunqursaa PP’f gugguufanii fi amanamoo ta’an qofti muudamuun barsiisota jajjaboo muuxannoo fi kaka’umsa qabaatanii barnootaaf ifaajan kanneen dhimma barnootaa malee siyaasa irraa walaba ta’an akka waan mormituu PP ta’anitti sababa tokko malee shira itti xaxuun hidhuu fi doorsisuun mogolee buusuun, xiyyeeffaannoo barnootaaf kennuu dhiisuun barattoonni waan barachuu qaban osoo hin baratin kutaa irraa gara kutaatti darbuuf maallaqa 3000 hanga 4000tti akka humni isaanii danda’een dhoksaatti kaffalchiisuun kutaa itti aanutti darbarsaa akka turanii fi ammas jabeessanii akka itti fufanii jiran maddeen qabatamoo mana barumsichaa irraa arganne ONM’f addeessaniiru.
Bilxiginnaan baajata sektera barnootaaf oolu kutuun guutummaatti gara hoomaa waraana naamusa hin qabne leenjisuutti jijjiiruun, barattoonni kitaaba tokko nama torbaa fi isaa ol walitti kennuufiin kitaabni akka hin jirre itti dabaluun barattoonni mana barumsichaa eeraniiru.
Mana barumsichaa keessatti qabxii maallaqaan gurguramuu, maallaqni bifa garaagaraan manni barumsichaa argatu qaamolee PP waliin nyaatamuu fi wiirtuu siyaasa PP ta’uu irraan kan ka’e barnootni qulqullina hin qabne kennamaa jiraachuu dubbatu.
Impaayerattii keessatti kufaatiin gama barnootaan jiru itti fufuun bara kana barattootni yuuniversitii galan %8.4 qofa yoo ta’u, Oromiyaa keessatti kufaatiin kun guddaa ta’uu fi barattootni miliyoona 3.2 bara 2025 keessa mana barnootaa kan hin dhaqne ta’uu ragaaleen ni mul’isu.

