ONM-ABO Sadaasa 2, 2025
Godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Daarimuu ganda Koomboo keessatti Onkoloolessa 30 fi 31, 2025 eegdonni teessoo koloneel Abiy Ahimad maqaa “Waraana Bilisummaa Oromoo nyaachistan” jedhuun hawaasa dirqamaan waltajjii baasanii reebicha ulfaataa qaama laalessu irratti raawwachaa kan turan ta’uu maddeen Arraata Biyyolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Kaayyoon waltajjichaas Waraana Bilisummaa Oromoo balleessuu qabna ajandaa jedhu irratti kan fuulleffate yoo ta’u deggersa yaada hawaasa bal’aa dhabuu irraan kan ka’e miira aarii fi qaanii keessa seenuun uummata wal ga’ii waaman irratti reebicha kan raawwatan ta’uun ibsameera.
Waggoota 7’n darban Waraanni Bilisummaa Oromoo godinaalee Oromiyaa garaagaraa keessa naanna’uun tarkaanfii diina uummatichaa irratti fudhataa ture keessattis uummatni dirqamaan meeshaalee qara qaban qabatee Waraana Bilisummaa Oromoo akka sakatta’uuf dirqisiifamus gaaga’amni uummata irra gahaa ture ulfaataa ta’uu waan gurraa qabaniif dirqamicha keessummeessuu diduutu mul’ata.
Kanuma sababeeffachuun uummata nagaa irratti reebicha kan raawwatan ta’uu fi hawaasni gandichaa reebichaa fi dararaan irratti raawwate kunneenis tuttuqqaa siyaasa qaama kamiiyyuu kan hin qabnee fi hojii dhuunfaa isaanii qofatti bobba’uun jiruu fi jireenya mataa isaanii kan geggeeffatan ta’uun dabalataan eeramee jira.
Lukkeeleen Bilxiginnaa garaa isaanii guuttatanii buluuf qofa ilmaan Oromoo irratti sarbamiinsa mirga namoomaa raawwatan cimsanii itti fufanii jiraachuun ni beekama.
