ONM-ABO Sadaasa 3, 2025
Dhiha Keeniyaa naannoo Rift Valley keessatti sigiga lafaa mudateen yoo xiqqaate namoonni 26 kan du’an yoo ta’u, namoonni 25 ol ammoo kan dhabaman ta’uun barameera.
Roobni cimaan guyyootaaf naannoo sana rukutee kan ture yoo ta’u, Fannoo Diimaan Keeniyaa naannoowwan baay’inaan miidhaman ammallee sababa dhoqqee fi lolaa cimaatiin karaan akka hin dhaqqabne ibseera.
Namoonni 25 miidhaan cimaan irra gahe yaala argachuuf xiyyaaraan gara hospitaala magaalaa dhihoo Eldoret jirutti kan geeffaman yoo ta’u, kaan ammoo miidhaan salphaan irra gahe bakka sanatti kunuunsa argataniiru.
Roobni cimaan itti fufee jiraatus, tattaaffiin baraarsaa hanga Sanbataatti itti fufeera. Dhaabbileen balaa tasaa caccabaa manneen jige keessaa namoota badan barbaadaa turan.
Dilbata kaleessaa tattaaffiin barbaacha fi baraarsaa itti fufee waan turee, qondaaltonni naannoo gargaarsa namoomaa fi maatii dhiibbaa irra gahe deggaruuf hatattamaan hojjechaa akka turan dubbatu.
Kaawuntii Elgeyo-Marakwet naannoo tulluu Chesongoch jedhamutti dhoqqeedhaan manneen 1,000 ol barbadaa’aniiru.
Ministirri biyya keessaa Keeniyaa, Kipchumba Murkomen, jiraattonni naannoo lageen waqtii qaban, ykn naannoo sigiga lafaa itti mudate jiraatan gara bakka nageenya qabutti akka ce’an gaafataniiru.
Biyyattiin yeroo roobaa lammaffaa keessa jirti, “rooba gabaabaa” jedhamuunis kan beekamu yoo ta’u, yeroo baayyee torban muraasaaf qilleensa jiidhaan mudata.
Keeniyaatti waggoota darban keessa sigiga lafaa fi lolaa mudateen lubbuun namoota dhibbaan lakkaa’aman darbeera. Saayintistoonni akka jedhanitti jijjiiramni qilleensaa taateewwan qilleensaa ciccimoo fi irra deddeebiin mudatan fidaa jira jechuun Africanews gabaaseera.

