ONM-ABO Sadaasa 3, 2025
Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Baatee magaalaa Baatee keessaa torbee tokkoon dura hidhattootni PP raayyaa ittisa impaayeerattii ofiin jedhan kaabinoota PP’f amanamoo fi tika guddaa magaalichaa ta’an lama kan maqaan isaanii:
- Ahimed Rattaa fi
- Abduu Zarraasee
jedhaman halkan walakkaa iddoo ciisichaa isaanii irraa ukkaamsanii bakka buutee dhabamsiisuun hanga yeroo gabaasni kun qindaa’eetti eessa akka geessan hin baramin jiraachuu namni keessoo PP tokko ONM’f eeree jira.
Namni keessoo Bilxiginnaatii odeessa nuuf laate maqaan isaa rakkoo nageenyaaf akka hin eeramne gaafate kun akka jedhutti, kaabinoonni PP kun yeroo loltoota sirnichaan mana isaanii keessaa ukkaamfaman halkan walakkaadha, iddoo isaan rafaa jiranii ukkaamsan, hanga ammaatti sababa maaliif akka ukkaamaman, eessa akka geeffaman, du’anii fi lubbuun jiraachuu isaanii waan irraa beeknu tokko hin qabnu, waa’een isaanii kun silaa qaama dhimmichi ilaallatuun jala bu’amee qoratamuu male; garuu magaalichatti caasaaleen Bilxiginnaa martuu waa’ee kaabinoota ukkaamamanii qorachuurra jiran osoo hin taane, nuti hoo hireen keenya maal ta’a, maaltu nu eeggata jedhanii ofii isaaniif iyyuu sodaa hamaa keessa jiraachuu ibseera.
Taatee kana hordofee magaalaa Baateetti caasaaleen Bilxiginnaa rifaatuu guddaa keessa seenuun walii isaaniif wal shakkuun sobaan quba walitti qabuu, walii galtee fi wal dhageettii dhabuu irraan kan ka’e hojiirraa wal ari’uun, warra Garfaa fi warra Waayyuu jedhanii walii isaaniif wal qoqqoodaa, waliin oodaa fi gaarreffatanii ija dalgaan wal ilaalaa jiraachuu namni keessoo PP kun itti dabaluun addeesseera.

