Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii Bahaa Aanaa Zuwaay Dugdaa keessatti loltoonni Bilxiginnaa hawaasa nagaa jumlaan ukkaamsanii hidhuu fi gubaatii manneenii hammeessuun dhaga’ame 

ONM-ABO Sadaasa 13, 2025 

Godin Arsii Bahaa aanaa Zuwaay Dugdaa ganda Burqaa Lammaffoo jedhamu keessatti sirna dhabeeyyiin loltoota impaayerattii Sadaasa 8, 202 namoota nagaa jumlaan ukkaamsuun mana hidhaatti guuranii hiraarsaa jiraachuu jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf gabaasaniiru.

Namoota hidhamanii hiraarfamaa jiran keessaa muraasni maqaan nu ga’e:

  1. Heershaa Hasan,
  2. Aadde Bariituu Fajoo maanguddoo umrii 65,
  3. Kurfaa Eda’oo,
  4. Boonsoo Gannaa maanguddoo umrii 60,
  5. Fayyoo Badhaasoo maanguddoo umrii 70,
  6. Gannushee Huseen,
  7. Shamaruu Baatee,
  8. Gammadduu Fayyoo,
  9. Qaasim Uluu fi 
  10. Abbaas Qaasoo kanneen jedhamaniidha.

Haaluma wal fakkaatuun, aanichuma ganda Majaa Shanan iddoo addaa Wadda Fardoo jedhamu keessaas Sadaasa 9, 2025 namoota maqaan isaanii:

  1. Saafiyaa Mi’eessoo fi
  2. Abbuu Naafoo kanneen jedhama hidhuun, 

nama maqaan isaa: 

  1. Saadam Abduullaahii jedhamuu fi 

namoota biroo jalaas manneen gubaa akka turan jiraattonni ifoomsaniiru.

Namoonni kunneen badii qabaataniif osoo hin taane sababa Oromoo ta’an qofaaf Oromummaa isaaniif yakkamanii gaaffii tokko malee mana hidhaatti guuramanii hiraarfamaa kan jiran ta’uu fi qabeenyaan hawaasaas garmalee saamamaa akka jiru jiraattonni dabalataan ibsaniiru.

Exit mobile version