ONM-ABO Fulbaana 30, 2024
Murni bilxiginnaa waggoottan ja’an kana keesssatti jecha afaaniin dubbatan gochaan agarsiisuun akkuma qurxummii balleessuuf dura galaana gogsuu qabna jedhan sababa tokko malee lafa Waraanni Bilisummaa Oromoo keessa socho’u keessatti namoota nagaa ajjeesuu jabeesanii jiru.
Haaluma kanaan Fulbaana 27, 2024 aanaa Zuwaay-Dugdaa ganda Jaawwii Cilaaloo jedhamu keessatti maanguddoo maqaan isaa Zeenab Haajii Burqaa Guddatoo jedhamu mana isaatii baasuun gaaffii seeraa tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatuun beekamee jira.
Akka jiraattonni jedhanitti namni kun nama hawaasa biratti akkaan jaalatamaa fi kabaja qabu akkasumas kan waan inni jedhu hawaasni dhaggeeffatuu fi jala hiriiru ta’uu dubbachuun sababuma inni uummata waliin walitti dhufuuf jecha isatu WBO fidee qubsiise jedhanii akka ajjeesaniis dabaluun dubbatan.

