ONM-ABO Sadaasa 14, 2025
Godina Baha Shaggar magaalaa Maqii ganda Odaa iddoo addaa Kuusaa Simbirroo jedhamutti Sadaasa 11, 2025 loltootni Bilxiginnaa wal qoqqoodinsa gidduu isaaniitti uumameen milishaan maqaan isaa Gazzuu Dabalee jedhamu gochawwan hamaa loltoonni uummata irratti raawwachaa jiran ilaalee obsuu dadhabuun milishoota lama irratti dhukaasuun tokko ajjeesee tokko madoo gochuun aantummaa saba isaaf qabu agarsiisuun gara abbaa kaayyoo dhugaa Waraana Bilisummaa Oromootti dabalamee jiraachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf addeessanii jiru.
Loltoonni Bilxiginnaa kanneen quuqama uummata isaanii qaban dantaa dhuunfaa fi seenaa fookkissa saba keessaa dhalatan irratti hojjechuu irra aantummaa saba isaaniif dursa kennuun ejjennoo sirrii murteeffataniin meeshaa waraanaa uummata ittiin dararuu irra qabatanii WBO’tti dabalamuu jabeessanii jiru.
Hogganaan waraana Bilxiginnaa Biraanuu Juulaa yeroo inni dhaadannoo waraanaa gahaa fi naamusa waraanummaa qaban ijaarree jirra jedhee dubbatutti loltoonni ijaaraman waraana tika teessoo Abiy Ahimed ta’uu hubatan mooraa cubbamaa sirnichaa balfuun lubbuu isaanii kan bu’aa malee bosonaa fi gammoojjiiwwan garaagaraa keessatti soora bineensaa ta’a jirtu oolfachuuf gaachana uummata Oromoo kan ta’e WBO’tti dabalamaa jiraachuun ni beekama.

