Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Gobbuu Sayyootti milishaan Bilxiginnaa tokko maraachuun dhagaa’ame

ONM-ABO Sadaasa 18, 2024 

Daba uummata Oromoo irratti dalagaa oolaniin cubbuun imimmaan haadha hiyyeessaa guyyuun lola’u ibidda ta’ee itti qabachuun ergamtoonni Bilxiginnaa walii isaanii irratti tarkaanfii hidhaa hanga ajjeechaatti wal irratti raawwachuu fi  rakkoo hawaasdinagdee irraa kan ka’e maraatummaan rukutamuun sammuu dhabaa kan jiran ta’uun ibsameera.

Jiraataa aanaa Gobbuu Sayyoo ganda Tibbee Haraa kan ta’e milishaa maqaan isaa Shiilashii Gemaa jedhamu waldhibdee keessoo torban darbe mooraa waraana Bilxiginnaa aanichaa keessatti mudateen fakkaattota isaa waliin walitti bu’ee xiin-sammuu miidhamuun dhibee sammuun dhukkubsatee yeroo ammaa kana godina Lixa Shaggar aanaa Baakkoo Tibbee hospitaala magaalaa Baakkootti yaalamaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Akka maddeen himanitti, namni kun torban lamaan dura humnaan ukkaamfamuun leenjii milishummaa leenji’aa turuu himuun, torban darbe akkuma leenjii xumureen booda “qawwee hin hidhadhu” jechuun hokkora gidduu isaaniitti uumameen xiin-sammuu dhukkubsachuu dubbatu.

Akka impaayerattiitti namoota rakkoo sammuu qaban torbanitti dhibbootaan kan lakka’aman keessummeessaa jiraachuu Hospitaalli Xiqur Ambeessaa ibsuun ni yaadatama.

Exit mobile version