ONM-ABO Sadaasa 15, 2025
Kibba Baha Oromiyaa godina Arsii bahaa aanaa Martii, Gunaa, Jajuu, Shanan Kooluu, Collee, Seeruu Abbaasii, Baalee Gasgaar fi Suudee keessatti murni Bilxiginnaa uummata walitti buusuuf jecha holola summii warreen amantaa Ortodoksii hordofan ajjeefamaa jiru jedhu facaasuun kanneen amantii biraa hordofan akka walitti bu’iinsa kaasaniif hojjechaa jira.
Namoota ijaaree sadarkaa biyyoota alaa adda addaatti ajjeechaan namoota amantii Ortodooksii irratti godinaalee Arsii aanaalee garaagaraa irratti raawwatamaa jiru haa dhaabbatu holola jedhuun hiriira baasuu fi biyya keessattis isinis haaloo bahadhaa maqaa jedhuun uummata wal irratti kakaasaa akka jiru maddeen ifoomsaniiru.
Murni Bilxiginnaa yaada dhadhabaa fi boodatti hafaa ta’e kan uummatni dhugaa fi dhara addaan baasee beeku siyaasa isaaf itti fayyadamuuf jecha kutaa fi amantaa akkasumas lagaa fi gandaan addaan qooduun balfamaa seera isaatti fudhatama gochuu fi gad dhaabuuf daba seenaa raawwachaa jira.
Tooftaaleen Bilxiginnaan walitti bu’iinsa uummataaf itti fayyadamaa jiru kan abbootii isaa irraa dhaale ta’uu uummatni hubachuun jaalala fi tokkummaa isaa kan kanaan duraa caalaatti jabeessuun wal ta’ee qabsoo bilisummaaf ABO-WBO’n durfamu tumsuu qaba .
Shirri kunis kan ka’eef qabsoo ABO-WBO’n uummata isaa keessatti geggeessaa jiru dhibee itti ta’uun halkanii fi guyyaa ergamtoota Bilxiginnaa irriba dhorkaa kan jiru ta’uu fi sadarkaa abdii kutannaa keessa isaan galchuun sababa quubsaa tokko malee ajjechaa uummata meesha maleessa irratti raawwachaa jiraachuun ni beekama.

